Pireezidaantiin Sooriyaa Bashiir Alasaad daawwannaaf Chaayinaa galan

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Sooriyaa Bashiir Alasaad erga biyyattiin waraana keessa galtee booda yeroo jalqabaaf daawwaanaaf gara Chaayinaa imalan.

Sooriyaan erga waraanaa waggoota 12 lakkoofsisee keessa seentee eegalee Beejiingi biyyattiif tumsa qabdu argisiisuu itti fufuun eerameera.

Pireezidaanti Asaad Magaalaa Haangi Chaayinaattii Sanbata dhufu kan gaggeeffamu Sirna baniinsa Taphaa Waancaa jalqabaa Eeshiyaa irratti akka argaman Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa beeksiseera.

Kanaan dura, odeeffannoon gama Sooriyaa ba’e akka argisiisuutti pireezidaantichi jilli isaanii biroo waliin Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingiin yaa’ii irratti afeeramuun eerameera.

Chaayinaan baatii Bitootessaa darbe jaarsummaa isheen Saa’ud Arabiyaa fi Iraan gidduutti waliigaltee taasifameen booda biyyoota Bahaa Giddugaleessatti dandeettii ishee babal’isaa jiraachuu Chaayinaa Niwus gabaaseera.

Beejiingi waraanaa Sooriyaattii lubbuu namootaa walakkaa miiliyoonaa dhabamsiisee fi mancaatii hordofsiise booda tumsa ishee biyyattiif argisiisuu kan itt fufte yoo ta’u, Sooriyaa deebisaanii ijaaruuf baasii Doolaar biiliyoona 10 ol barbaachisuufis Chaayinaan gahee olaanaa qooddachuun kan eegamu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment