Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Mahaammad daawwannaa hojiif Asmaraa galan

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Mahaammad daawwannaa hojii guyyoota lamaaf har’a Asmaraa galaniiru.
 
Pireezidaanti Hasan Mahaammad wayita Asmaraa gahanitti Pireezidaantii Ertiraa Isaayyaas Afwarqiin simatamaniiru.
 
Dureewwan lameen hariiroo gamlameenii fi dhimmoota naannawaarratti mari’atuun kan eegamu ta’uu Ministirri Beeksisaa Ertiraa Yemaanee Gabiremasqal miidiyaa hawaasumma isaaniin ibsaniiru.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment