Pireezidaantiin Rippaablika Seeraaliyoonii fi Ministirri Muummee Giinii hojiilee misooma Naannoo Oromiyaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2017 (FBC)- Pireezidaantiin Rippaablika Seeraaliyoon Juuliiyas Maadaa Baayoo fi Ministirri Muummee Giinii Amaaduu Uurii Baahiin Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti hojiilee misooma sadarkaa maatitti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Daawwannicharratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee, Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahammadii fi qondaaltoonni Olaanoo Mootummaa biroon argamaniiru.

Hojiileen misooma kilaastera Avookaadoo, Paappayaa, Kuduraa fi Muduraa fi Horsiisa loonii hojirra oolaa jiran daawwatamaniiru.

Comments (0)
Add Comment