Pireezidaantiin Raashiyaa Moongooliyaa daawwatan

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Moongooliyaa daawwachaa jiraachuun ibsame.

Waraana Raashiyaa fi Yuukireeniin walqabatee bara darbe Manni Murtii Yakkaa Idil Addunyaa ajaja hidhaa Pireezidaantii Puutiinirratti dabarsuun kan yaadatamudha.

Ajaja Mana murtichaa as yeroo jalqabaaf Puutiin Moongooliyaa galaniiru.

Daawwannichaan dhimma hidhaan walqabatee sodaan kan hinjirre ta’uu Dubbi Himaan Kireemiliin ibsuu BBC’n gabaaseera.

Lammiileen biyyattii tokko tokko “Namni ajajni hidhaa Mana Murtii Yakkaa Idil Addunyaa irratti darbe maaliif biyyaa keenyaa dhufa” jechuun mormanis, wayita Puutiin Ulaanbaataar ga’an Pireezidaantii Moongooliyaa Ukanagiin Kurele’uukin simatamaniiru.

Moongooliyaan boba’aa fi elektirikii irraa jireessan Raashiyaarra kan argattuu ta’uun ni beekama.

Comments (0)
Add Comment