Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC) – Hoggantoonni Biyyoota Garagaraa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galuu itti fufaniiru.
Pireezidaantiin Naayijeeriyaa Muhaameed Buhaariin Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 36ffaa irratti hirmaachuuf Magaalaa Finfinnee galaniiru.
Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Boolee Idil-Addunyaa gahan Ministiirri Nageenyaa Obbo Binnaalf Anduu’alamiifi Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoon simatamaniiru.
Pireezidaantiin Keeppi Vardee Joosee Maariyaa Pereeranis Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun simataniiru.
Yaa’iin Gamtaan Afrikaa 36ffaa Boruu fi Iftaan ni gaggeeffama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.