Pireezidaantiin naannoo Giddu galeessa Itiyoophiyaa Obbo Indashaaw Xaasaw ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Giddu galeessa Itiyoophiyaa Obbo Indashaaw Xaasaw ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ummata Oromoo waliin duudhaaleen qooddanni hedduudha jedhan.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana Ummanni Oromoo bacaqii gannaarraa Booqaa birratti nagaan ba’uu isaa uumaa itti galateeffatuudha jedha.

Ayyaana Ummanni Oromoo sabaaf sablammoota biro waliin ta’uun addabaabayiitti jaalala, tokkummaa, gammachuu fi Obbolummaan kabaju ta’uu kaasaniiru.

Ibsituu aadaa fi duudhaa waloo keenyati jedhan.

Jilli aadaa fi jiraattoonni naannicha hedduun ayyaana miidhagaa kanarratti hirmaachaa jiraachuu dubbataniiru.

Ayyaanni Irreechaa kan waldhabe itti aararamu, ayyaana galateeffannaa, walda’uu fi gammachuu ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanicha ayyaana nageenyaa, jaalalaa, tokkummaa fi obbolummaa akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment