Pireezidaantiin naannoo Gaambeellaa Injifannoo Adwaa waggaa 127ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluun injifannoo Adwaa waggaa 127ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Dhaloonni ammaa injfannoo Adwaarraa barachuun ijaarsa biyyaaf waloon dhaabbachuu akka qaban Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluun dhaabaniiru.

Injifannoon Adwaa injifannoo abbootiin wareegama qaalii kaffaluun dhaloota boonsaan ta’uu kaasaniiru.

Abbootii fi Haadholii wareegama kaffaluun dhaloota kabachiisaniif galanni kan malu ta’uu ibsaniiru.

Dhaloonni ammaas Injifannoo Adwaarraa barachuun jaalalaa fi tokkummaan ijaarsa biyyaaf ka’uu akka qaban dhaamaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment