Pireezidaantiin naannoo Afaar guyyaa injifannoo Adwaa 127ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015(FBC)- Pireezidaantiin naannoo Affaar Obbo Awwal Arbaan guyyaa injifannoo Adwaa 127ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin Ityoophiyaanotaafi michuuwwan isheen baga guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaa 127ffaa isin gahe jedhaniiru.

Injifannoon Adwaa, fakkeenya tokkummaa, gootummaafi jabinaa ta’uu eeruun, abbootiin keenya fiixee hanga fiixeetti tokkummaa isaanii cimsuun diina biyya weeraruu dhuferratti duuluun diina jilbeenfachiisuu yaadachiisaniiru.

Iccitiin guddaan injifannoo Adwaa tokkummaa cimaa, gootummaa biyyaaf dursa kenneefi hojii qabatamaan ibsame akkasumas kaayyoo galmaan gahuuf jabina abbootiin darban qaban ta’uu eerameera.

Injifannoon Adwaa injifannoo Ityoophiyaanota hundaa ta’uufi gootonni yeroo sanaa garaagarummaa amantaa, sabaafi afaaniin osoo wal hin qoodiin wareegama kaffaluu kaafameera.

Seenaa injifannoo waloo kanarraa wantoota hedduu barachuun injifannoowwan hedduu galmeessuu qabna jedhaniiru.

Ityoophiyaa badhaateefi fooyyofte, wabiin nyaataa lammiilee ishee mirkanaa’eefi nageenyi uummata ishee eegame uumuuf hundi bakka bobba’ee jirutti tattaaffii taasisuu akka qabu ibsaniiru.

Dhaloonni ammaa seenaa abboota isaa irra deebi’uun rakkoolee maraaf furmaata biyya keessaa ka’umsa godhachuun tooftaafi ogummaan furuun Ityoophiyaarra darbee Afrikaaf akkasumas Addunyaaf furmaata ta’ee argamuu qaba jedhan.

Rakkoolee yeroo imala misoomaa, guddinaafi nageenyaarratti mudataniif osoo harka hin kenniin akkasumas abdiifi misooma fuula duraarratti xiyyeeffachuun tokkummaan, gootummaaniifi jabinaan gara fuula duraatti imaluun gara guddina caaluutti ce’uu ni dandeenya jechuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment