Pireezidaantiin Maalaawii ofii fi Kaabinee isaanii ala bahuu ugguran

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Maalaawii Dooktar Laazaarus Chaakiweeraa ofii isaanii fi Kaabinee isaaniirra uggura imala biyya alaa kaa’uun gabaafame.

Uggurri imalaa kunis dandeettii bituu maallaqaa biyyattii %44 gadi bu’uu hordofee sharafa alaa hambisuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Haaluma kanaan Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) dandamannaa diinagdee Maalaawiif kan oolu liqii Doolaara miiliyoona 175 raggaasiseera.

Pireezidaanti Laazaaruus dhimmicha ilaalchisee ibsa kennaniin, hoggansi sadarkaa kamittuu argamuu hanga xumura bara baajatichaatti maallaqa mootummaan gara biyya alaa imaluun kan hindanda’amne ta’uu himaniiru.

Yeroo ammaas ministirooni biyyattii alaatti argaman hatattamaan gara biyya isaaniitti akka deebi’an ajaja dabarsaniiru.

Aanga’oota olaanoo mootummaafis boba’aa kennamaa turee fi faayidaaleen garaagaraa %50’n akka hir’atu murteessuu BBC’n gabaaseera.

Dandeettiin bituu maallaqa Maalaawii gadi bu’uu hordofee yeroo ammaa biyyattiitti qaala’iinsi jireenyaa fi hanqinni boba’aa olaanaan mudachuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment