Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon daawwannaaf Asmaraa galan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon daawwannaa hojiif guyyaa har’aa Eertira Asmaraa galaniiru.

Pireezidanti Wiiliyaam afeerraa gita isaanii Isaayyaas Afwarqirraa dhiyaateefiin daawwannaa hojiif kan Eertiraa dhaqan.

Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoo fi jillii isaanii wayita Buufata Xiyyaaraa Asmaraa ga’an, Pireezidaanti Isaayyaas Afarqiin simatamaniiru.

Wiiliyaan Ruutoon guyyoota lamaaf biyyattiitti daawwannaa akka taasisan Ministirri Beeksisaa Eertiraa Yemaanee Gabiramasqal beekisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment