Pireezidaantiin Jibuutii Omishaalee Daldala Alaa Itiyoophiyaa daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Jibuutii Ismaa’eel Omar Gillee fi Giiftii Duree Kadiraa Mahaammad biyyattiitti Egzibiishinii Idil Addunyaa qophaa’eerratti oomishalee daldala alaa Itiyoophiyaa dhiyaatan daawwataniiru.

Egzibiishiniin idil addunyaa 3ffaa Jibuutiitti banameerratti buna fi omishaalee daldala alaa Itiyoophiyaa daawwachuu ragaan Jibuutiitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Bara Faranjootaa Mudde 3-10, 2023’tti egzibiishinii daldalaa Idil Addunyaa gaggeeffamu irratti hirmaachuun omishalee daldala alaa fi filmaatawwan invastimantii Itiyoophiyaa hawaasaa daldalaa addunyaatti beeksisuuf qophii bal’aan taasifamuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment