Pireezidaantiin Jibuutii fi kan Burrundii Finfinnee galan

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Jibuutii Ismaa’eel Umar Giillee fi kan Burrundii Ivaariistii Daay Shiimeeey Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
 
Pireezidaanti Ismaa’eel Umar Giilleen waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen simatamaniiru.
 
Pireezidaanti Ivaariistii Daay Shiimeeey waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen simatamaniiru.
 
Akkasumas Mimistirri Muummee Tuuniziyaa Ahima Hachaaniinis Finfinnee galaniiru.
 
Ministirichi waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministira Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammadiin simatamaniiru.
 
Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaa boruu eegalee guyyoota lamaaf Finfinneetti ni gaggeeffama.
 
Barakat Takkaalinyitu gabaase.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment