Pireezidaantiin Itti Aanaa Kuubaa daawwannaaf Finfinnee galan

Finfinnee, Sadaasa 9, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Itti Aanaa Kuubaa Salvaador Vaaldees Meessaa daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.

Salvaador Vaaldees Meessaa wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’anitti, Ministir Deetaa Ministeera Dhimma alaa Ambasaaddar Misgaanuu Argaan simataniiru.

Pireezidaantiin Itti Aanaa Kuubaa Salvaador Vaaldees Meessaa turtii Itiyoophiyaatti taasisaniin hariiroo biyyoota lamaanii irratti qondaaltota mootummaa waliin kan mari’tan ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Lammiileen Kuubaa bilisummaa Itiyoophiyaaf hanga wareegama lubbuu kaffaluutti bakka olaanaa kan qabanii fi hariiroon biyyoota lameenii bu’uura jabaarratti kan ijaarame ta’uu Ambaasaaddar Misgaanuun ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment