Finfinnee, Adoolessa 4 ,2015 (FBC)- Pireezidaantiin Gaanaa Naanaa Adoo Daankuwaa Akuufoo Adoon hariiroo Ityoophiyaa fi Gaanaa caalmaatti guddisuuf murannoo qabachuu fi qophii ta’uu isaanii mirkaneessaniiru.
Gaanaatti Ergama Addaa fi Ambaasaaddara ta’anii kan muudaman Ambaasaaddar Tafarraa Fiqireen xalaaya mudamaa isaanii Pireeziaantii Gaanaa Naanaa Adoo Daankuwaa Akuufoo Adoof dhiyeessaniiru.
Ambaasaaddar Tafarraan wayita kanatti, Ityoophiyaa fi Gaanaan hariiiroo dippiloomaasii yeroo dheeraa qabachuu eeruun, hariiroo seena qabeessaa qaban daran cimsuuf murannnoo qabaachuu ibsaniiru.
Carraawwan waliigaltee naannawaa daldala walabaa Afrikaa fayyadamuun hirmannaa daldalaa fi invastimantii babal’isuun barbachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa irra argame ni mul’isa.
Pireezidaantiin Gaanaa Naanaa Adoo Daankuwaa Akuufoo Adoon gama isaaniin, hariiroo Ityoophiyaa fi Gaanaa caalmaatti guddisuu fi cimsuuf akkasumas turtii Ambaasaaddar Tafarraan Gaanaatti qabaataniin deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.