Pireezidaantiin Emireetoota Araba Gamtoomanii daawwannaa hojiif Mooskoo galan

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2017 (FBC) – Pireezidaantiin Emireetoota Araba Gamtoomanii Sheehi Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaan daawwannaa hojiif Raashiyaa Mooskoo galaniiru.

Jilli hoggantoota olaanoo biyyattii Pireezidaanti Sheehi Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaan durfamu waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Vanuukoovoo gahu Hoggantoota olaanoo mootummaa Raashiyaan simannaa hoo’aan taasifamuufii ibsameera.

Turtii isaaniin Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin dhimmoota waloi biyyoota lamaaniirratti kan mari’atan ta’uu ‘Arab News’ gabaaseera.

Yaa’ii hoggantoota biyyoota BRICS 16ffaa Kibxata dhufu magaalaa Kaazaanitti gaggeeffamurrattis ni hirmaatuun kan eegamu ta’uu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment