Pireezidaantiin Angoolaa Finfinnee galan

Pireezidaantiin Angoolaa Finfinnee galan

Finfinnee, Bitootessa 3, 2017 (FMC)- Dura Taa’aan Yeroo ammaa Gamtaa Afrikaa fi Pireezidaantiin Angoolaa Joo’awoo Looreenzoon Finfinnee galaniiru.

Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon simataniiru.

Pireezidaanti Joo’awoon sirna walharkaa fuudhinsa Hojii Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa fi Komishinaroota boru gaggeeffamurratti argamuuf Finfinnee galuu TOI gabaseera.

Yaa’ii 38ffaa Hoggantoota Gamtaa Afrikaan Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa ta’uun kan filaman Mahaammad Alii Yuusuuf ,Yeroo hojii isaanii kan xumuran Muusaa Faakii Mahaammatirraa aangoo fudhachuun ifatti hojii eegalu jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment