Pireezidaantii FDRI ta’ee akkan tajaajiluuf moggafamu kootti kabajatu natti dhaga’ama-Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Fulbaana 28, 2017 (FBC)- Pireezidaantii FDRI 5ffaa ta’ee akkan tajaajiluuf moggafamuu koottii kabajatu natti dhaga’ama jedhan Pireezidaantin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Pireezidaanti Taayyeen toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin,biyyaa guddoo fi jaalatamtuu kana akkaan tajaajiluuf kan filatan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Federeeshinii galateeffachuun barbaada jedhan.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii baniinsa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa kaleessa gaggeesseen Taayyee Atsiqasillaaseen Pireezidaantii FDRI ta’uun akka tajaajilan moggaasuun kan yaadatamuudha.

Ambaasaaddar Taayyeen hanga guyyaa kaleessatti Ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI ta’uun tajaajilaa turaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment