Pireezidaanti Vilaadmiir Putiin Antooniyoo Guutareez waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waliin mari’ataniiru.

Qaamoleen lameen dhimma waqtaawaa Yuukreenii fi Raashiyaa, dhimmoota idil addunyaa garaagaraarratti mari’ataniiru.

Haala dhiyeessii midhaan nyaataa, waldhabdee biyyoota lamaanii haala furuun danda’amuu fi dhimmoota gurguddoo addunyaa ilaalchisee mari’achuu isaanii RT gabaaseera.

Nageenya midhaan nyaataa addunyaa mirkaneessuuf hojiilee hojjataman caalmaatti cimsuuf tumsaan hojjechuuf walii galaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment