Pireezidaanti Shimallis Warshaa seeraamikaa SPC eebbisiisan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2016 (FBC) –Jilli Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Warshaa seeraamikaa SPC eebbisiiseera.

Warshaa Seeraamikaa Guruuppiin Invastimantii Miidirook Birrii miiliyoona 390 ijaarsise kun har’a eebbifamuun hojii eegaleera.

Warshaan kun Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Sulultaatti lafa Kaareemeetira kuma 8 irratti ijaarame.

Lammilee 130’f dhaabbiin carraa hojii kan uumuu yoo ta’uu, galtee oomisha % 70  kan biyya keessaa fayyadama jedhameera.

Oliyaad Ahimad, Sa’aadaa Geetachoo fi Fiqirtee Kabbaddaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment