Pireezidaanti Shimallis Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aa UNICEF waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC)-Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo oromiyaa Shimallis Abdiisaan Itiyoophiyaatti Jila Bakka Bu’aa Dhaabbataa Deeggarsaa Daa’immanii Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) Dooktar Abuubakar Kaamboo waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis dhimmoota barnootaa Naannoo Oromiyaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

Kunis, dhaabbatichi xiyyeeffannoo mootummaan naannichaa seektara barnootaaf kennaa jiru miira gaariin hubachuu fi yeroo kamuu caalaa waloon hojjechuuf fedhii qabaachuu mirkaneessuu dubbataniiru.

Mootummaan naannichaas dhimmoota barnoota ilaallatan hunda irratti walitti dhiyeenyan dhaabbaticha waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessuu Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment