Pireezidaanti Shimallis Inisheetivii misooma Paarkiiwwan Biyyaalessaa fi Ikoo Tuuriizimii ifoomsan

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Inisheetiviin misooma Paarkiiwwan Biyyaalessaa fi Ikoo Turizimii ifoomsaniiru.

Inisheetivii kanaan, Paarkiiwwan biyyaalessaa 24 fi ikoo Turizimii 18 kan hammataman yoota’u lafti hektaarri kuma 600 ol kan misoomuu ta’uun himameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee turizimiidhaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjataa jiraachuu kan himan Pireezidaanti Obbo Shimallis Abdiisaan, Mootummaan jijjiramaa diinagdee damee hedduu hojiirra oolchaa jiraachuu dubbatan.

Godinaaleen, iddoowwan turizimii sirriitti misoomsuun faayidaa barbaadamuuf oolchuu akka qaban himaniiru.

Iddoowwan hawwata turizimii daangessuu qofa osoo hin taane, bu’aa barbaadamuuf akka ooluuf hunduu xiyyeeffannoon hojjachuu fi badhaadhina hawwamu fiduuf kan hojjetamu ta’uu ibsuu OBN gabaaseera.

Pireezidaanti Shimallis kaartaan qabiyyee Iddoowwan hawwata turizimii daangeeffaman godinaaleef kennaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment