Pireezidaanti Shimallis Hoteela Abbaa Urjii 5 Birrii biiliyoona 2 oliin ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’an

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Magaalaa Jimmaatti Hoteela Abbaa Urjii 5 Birrii biiliyoona 2 oliin ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Pirezidaantiin Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti magaalaa Jimmaa giddugala Hoteelaa fi tuurizimii Kibba Lixaa biyyattii taasisuuf hojjetamaa jiruuf agarsiiftuudha jedhaniiru.

‘Hoteela Sharaaten Jimmaa Point’ dhaabbataa Meedirookiin Birrii biiliyoona 2 oliin kan ijaaramu ta’uu ragaan kominikeshinii oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ijaarsii hoteelichaas waggoota shan keessattis xumuramuun tajaajila akka eegalu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment