Pireezidaanti Shimallis hawaasni tajaajila Lammummaarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2015 (FBC) – Tajaajilli Lammummaa tarkaanfilee hoggansi jijjiiramaa ummata gara duudhaa Sirna Gadaatti deebisuuf qabatee socho’aa tureefi socho’aa jiru ta’uu Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Tarkaanfii kanaan, bu’aa raawwii Hojii tola ooltummaa adda addaa irraa arganne caalaa, Ummata keenyaaf, tarsiimoo aadaa, duudhaafi eenyummaa isaa irraa maddu yoo dhiyeessineef dandeettiin gochuu ummata daangaa kan hin qabne ta’uu hubachuu dandeenyee jirra jedhan.

Labsii Tajaajila Lammummaati as gama hundaan hojiileen hojjetaman Birrii biiliyoona 163. 42tti kan tilmaamamam kan raawwataman yoo ta’u, ji’oota saglan bara 2015’tti ammoo hojiileen gosa adda addaa Birrii biiliyoona 72.2 baasu raawwatamuu eeraniiru.

Hojiin gama kanaan hojjenne akka hoggansa naannichaatti Ummata keenyaan akka boonnu kan nu taasiseefi gara fuulduraattis abdii kan nutti horeedha jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Ganna kana ummanni marti daanga hanga daangatti sochoo’uun Ashaaraa Magariisaa, ijaarsa daree dabalataa, ijaarsa Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu, suphaa manneen harka qalleeyyifi kkf irratti raajii hojjechuudhaan Imaanaa Lammummaa keessan caalmaatti akka baatan maqaa isaani ifi Mootummaa Naannoo Oromiyaan waamicha dhiheessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment