Pireezidaanti Shimallis ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Mudde 22, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan waliigaltee karra Galaanaa argachuu mallatteessuu hordofee Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa baga gammaddanii dabarsan

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Baga guyyaa hawwii guddaan eegaa turreen nugahe! Baga gammanne! Baga gammaddan! Hoggansa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad kennaniin, biyyi keenya yeroo gabaabaa keessatti ulaa galaanaa argachuu dandeessee jirti.

Walhubannoo Hundagaleessi guyyaa har’aa biyya keenya Itiyoophiyaafi Somaaleelaandi gidduutti taasifame kun, adunyaa irraa dhiibamnetti kan nudeebisuudha. Qaxanaa Galaana Diimaatti deebi’uun keenya, kaayyoo biyya badhaatefi dhageettii qabdu ijaaruuf qabanne kan saffisiisuudha.

Hoggansi kun waggoottan muraasa darban milkaa’inoota seena qabeessa hedduu akkuma galmeessisaa ture, har’as waadaa gale eeguun dhimma lammiileen biyyattii yeroo walakkaa jaarraa tokkoo oliif keessa isaaniitti gumgumaafi hawwaa turan deebiseera.

Irra deebi’uun, baga gammaddan, baga gammanne jechuun barbaada!

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment