Pireezidaanti Shimallis du’aan boqochuu Artist Haloo Daawween gaddi itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2016 (FBC)-Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis du’aan boqochuu Artist Haloo Daawween gaddi itti dhaga’ame ibsan.

Du’aan adunyaa kana irraa darbuu artisti Haloo Daawwee yemmuun dhagahu gadda guddaatu natti dhagahame jedhaniiru.

Artisti Haloo Daawwee Aartiifi Qabsoo Ummata Oromoo walfaana adeemsisuudhaan gama lachuunuu gumaacha guddaa taasistee jirti.

Artistii gameettii akka kanaa dhabuun ummata keenya mara biratti gadda guddaa kan uumuu ta’uu ibsaniiru.

Du’aan addunyaa kanarraa darbuu Artisti Haloo Daawweetiin gaddi guddaa natti dhagahamuu irra deebidhaan ibsaa, maatii, firoottan, dinqisiiffattoota hojii isheefi ummata keenya maraa jajjabina hawwa jedhaniiru.

Comments (0)
Add Comment