Pireezidaanti Shimallis Diyaaspooraa Oromootiif waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Hagayya 21, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Irrecha bara 2024’f Diyaaspooraa Oromootiif waamicha dhiyeessaniiru.

Ergaan Pireezidaanti Shimallis guutuun isaa akka Ittaanuutti dhiyaateera.

Irreecha 2024’f Gara Biyya Abbaa Keessanii Koottaa!

Kabajamtoota Diyaaspooraa Oromoo;

Jala bultii kabaja ayyaana Irreechaa bara 2024 (ALA) kanatti, obboloota keenya biyya alaa jirtan hundaaf gara biyya keessanitti deebitanii ayyaanicha akka nu waliin dabarsitan affeerraa onneerraa madde isiniif dhiyeessuun barbaada.

Irreechi eenyummaa fi achii-dhuftee keenya.

Irreechi hafuura socho’aa ummata Oromoo waggoota kumaatamaa ofkeessaa qaba.

Hambaan seenaa fi duudhaan badhaadhe kun, addunyaa kanarra eessayyuu yoojiraanne, hidda dhiigaa keenya keessaa kan naana’uudha.
Sirni ayyaanichaa, araara jireenyaafi dila dilbii arganneef, galata umaa keenya Waaqaf qabnu, akkasumas marartoo waliif qabnu ibsachuuf, xurree abbootii keenyaa argachuuf, akkasumas hidhata cimaa dachee nubaattu waliin qabnu haaromfachuuf carraa nuuf kenna.

Mirgi kabaja ayyaana Irreechaa ummata keenyaa jaarraa tokkoo oliif sarbamee turuun isaa seenaa kaleessaati.

Sirnoonni walirraa lufan duudhaa kana moggeessuuf itti duulaniiru; hidhata ummanni keenya ittiin qabu kutuuf hojjetaniiru.

Ta’us abbootiin keenya hinjilbifanne.

Wareegama hin leeyyamfamneefi qabsoo bara dheeraatiin bada olchaniiru.

Adeemsi kun, jabina, dandamannaafi kutannoo hinreeqqifne ummanni Oromoo hambaa aadaa isaa tiksuufi kunuunsuuf qabuf, ragaa yoomiyyuu hin dhokanne ta’ee dhaabbata.

Tokkoo tokkoon kabaja ayyaana Irreechaa, agarsiiftuu injifannoo cunqursa irratti argameefi bilisummaa cichoomina, kutannoofi gatii qaaliin dhugoomeeti.

Nubira darbee, sirna hambaafi dhaalmi abbootiifi haadholii keenyaa itti kabajamu.

Waggaa waggaan yommuu Hora Harsadi, Hora Finfinnee, Malka Ateetee fi iddoowwan ulfoo birootti walitti qabamnu, gatii bilisummaa keenyaaf bahe nu yaadachiisa.

Kurnee lama dura yaa’ii lakkoofsa namoota xiqqaan, Hora Harsadiitti irra deebiin kan jalqabe Irreechi, har’a feestivaala damboobaa ta’eera.

Waggaa shanii as ammoo, Irreechi Hora Finfinnee haaromee, magaalaa guddoo fi handhuura Oromiyaa, Magaalaa Finfinneetti kabajamuun madda gammachuufi milkii miliyoonotaa ta’aa jira.

Har’a Irreechi duudhaa yaadatamu qofa osoo hintaane, hambaa kiliyaafi taatee addaa muuziqaa, faarfannaa, hurrisaafi miira tokkummaa cimaa ta’een jiraatamuudha.

Akkasumas, gara ayyaana guyyaa galateeffannaa biyyoolessaafi kaarniivaala gammachiisaa namni kamuu keessaaf alaa waloon irratti hirmaatuufi jaalalaan itti wal affeerutti ce’eera.

Akkaataa har’a Irreechi harka diriirsee nama kamuu simatu arguun heddu kan nama boonsuudha.

Namoonni dudduubee garagaraafi sabaan Oromoo hintaanellee kabaja ayaanichaa irratti hirmaachuu qofa osoo hintaane, faajjii nagaa, walmararfannaa, milkiifi tokkummaa taasisuun fudhachaa jiru.

Golee Itiyoophiyaa hundarraa, namoonni hedduun Irreecha ulfeessuuf, eebba isaa irraa hirmaachuuf, akkasumas ulfina hin sheeyinofne kana irratti ummata keenya walalchuuf tokkummaan argamaa jiru.

Irreechi madda isaa ummata Oromoo bira darbee, sabootaaf mallattoo abdii, ofkaltiifi araaraa ta’eera.

Wanti ajaa’ibsiisaan biraa, Irreechi daangaa Oromiyaa fi Itiyoophiyaa qaxxaamuruu isaati.

Bara darbe, obboloonni keenya Oromoo biyya Keeniyaa, daangaa idil-addunyaa ce’uun nuwaliin hirmaachuun gamtummaa cimaa qaban nuuf ibsaniiru.

Bara kana ammoo Oromoon addunyaa mara irra jiru ayyanichaaf fuula isaa gara lafa eenyummaa isaatti akka deebifatu abdanna.

Irreechi ummata Oromootiif faajjii tokkummaa daangaa siyaasaa, bakka jireenyaa, amantaafi ilaalcha siyaasaa caalu ta’eera.

Haata’u malee, qaamni murteessaan ammallee guutummaatti qooddataa eebba kanaa hintaane nijira diyaaspooraa Oromoo.

Argamuun diyaaspooraa Oromoo deebii dhumaa hibboo keenyaati.

Akka dhala Oromoo daangaa addunyaa maratti faffaca’etti, hirmaannaan keessan hirdhuu kabaja ayyaanicha guuta;

fageenyi kamuu walitti dhufeenya hambaa, aadaafi eenyummaa ummata keenyaa waliin qabnu kan hinhirdhisne ta’uu agarsiisa.

Oromoota idil-addunyaa gidduutti mallattoo tokkummaa oljiraa ta’ee tajaajila.

Waan ta’eef, dhaloota lammaffaa diyaaspooraa Oromootiif waamicha onnee irraa madde addatti isiniif dabarsuun barbaada.

Kun waamicha hirmaannaa ayyaanichaa qofa miti; affeerraa kadhaa hundee keessan waliin deebitanii akka hidhata ummattan isiniif taasisuudha.

Mee Hora Harsaditti, dha’annaa onnee waloo Oromoota miliyoonotaa, uffata kuula gargariin dirame uffatan, sirba sagalee kilolee, faarfannaa “Mareehoo, hursa fi qawwisaa, ifa booqaa Birraa, qilleensa lallaafaa nama qirqirsu, urgaa Abaaboo Birraa haaraa daraaree iddoofi sa’aa tokkotti argamu keessatti ofyaadaa.

Mee akkuma abbootiin keessan jaarraa hedduuf raawwataa turan, yeroo marga magariisa bishaan qulqulluu keessa cuuphuudhaan walitti dhufeenya yabbuu lafaafi Waaqa waliin qabdan haaromsitan ofyaadaa.
Irreechi kakuu jiraataa kan darbeefi kan jiru, abbootiifi dhala keessan egeree riqicha ta’ee walqunnamsiisuudha.

Yeroon gara lafa eenyummaa keessaniitti imaltan amma ta’uu kan qabu kanaafi.

Imalli kun feestivaala irratti hirmaachuun achitti, hidhata hundee ofii haaromsuudha; carraa hubannoo eenyummaa ofii dhugaa waliin qabnu jabeessuudha.

Carraa magaalotaa fi gandoota Oromiyaa yeroo ta’e abbaafi akaakayyuun keessan itti horanii horsiisan, naatoo teessuma lafaa, faaruu sinbirrootaa, akaakuu biqilootaa fi bineensotaa — sirboota, walaloofi afoola isaanii keessatti siniif caqasaa turan ijaan arguuti.

Irreecha 2024 irratti nuwaliin hirmaachuun ayyaana tokko qofa qooddachuu miti; qaama seenaa hambaa jiraataa yeroo fi hirbuun umamee ta’uudha.

Akkasumas, walitti hidhamiinsa Oromoo, Oromiyaadhaa hanga golee addunyaa fagootti jiru jabeessuudha.

Irreecha 2024 irratti argamuun, hidhata hidda keessan waliin qabdan deebistanii hapheessuu qofa osoo hintaane, dhaloota dargaggoota Oromootiif xombora kaka’umsa ta’aa.

Kabaja eenyummaa keessaniif qabdaniin, kutaa addunyaa garaagaraa irraa imaltanii dhufuun keessan, humnaa fi icciitiin Oromummaa dilbii ta’uu kan itti agarsiisuudha. Dachee keessanitti fuula deebifachuun keessan, hafuura tokkummaa, kutannoofi abdii dhaloota biyya jiruu kan haromsu, akkasumas egereen keenya michichila amansiisarra dhaabbatee caalaatti akka mul’atu kan misiraachuudha.

Imalli kun, baay’ee keessaniif carraa addaa gara qe’eefi biyya abbaa keessaniitti deebi’uu kan banuudha.

Ayyaana ulfoo kana nuwaliin qooddachuun, milkii Irreechaa hundee eenyummaa keessanii ishee dhugaatti deebi’aa.

Gamtaan taanee ofkaltii darbeef galata dhiyeessinee, abdii egereef waadaa gallee, yeroo milkaa’ina ummata keenya waliin haromsinu haataasifannu.

Irreechi isiniin guutuu ta’a; malkaan isiniin miidhagaa koottaa!

Nuti gama keenyan, fuula ifaafi miira obbolummaatiin, biyya abbaa keessaniitti isin simachuufi isin keessummeessuuf qophoofnee isin eegaa jirra.

Irra deebiin, gara lafaafi nama keessaniitti deebi’uun, Irreechaa bara 2024 mararfannaan akka waliin oollu, maqaa kiyyaa fi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha kabajaa isiniif dhiyeessuun barbaada.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment