Pireezidaanti Shimallis bakka buutoota Paartilee siyaasaa Naannoo Oromiyaa keessa socho’an waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan bakka buutoota paartilee siyaasaa naannicha keessa socho’an waliin dhimmoota waaqtawaa fi misoomaarratti mari’ataniiru.

Itti gaafatamaa Waajjira Paartii baadhaadhina damee oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa dabalatee miseensoonni paartiilee siyaasaa Oromoo hedduun maricharratti argamaniiru.

Miseensoonni Paartiilee siyaasaa oromoo Kun jijjiiramaa asii xiyyeeffannoo mootummaan hojiiwwan misoomaaf kenne hojjeta jirun jijjiramni qabataman hojii misoomaairratti mulataa Jiraachuu ibsaniiru.

Miseensoonni paartilee kunneen tibbana hojiiwwan misooma Godina Arsii lixaa,Arsiifi Baaleetti hojjetamaa jiran daawwachuun wantoota qabatamaan godinalee kanneen keessatti hojjetamaa jiran irratti Pireezidaantii shimallis waliin marii taasisaniiru.

Mootummaan jijjiramaa yeroo aangootti dhufuu rakkoowwan uumamaafi namtolcheef hedduu mudatus ,rakkoo kanneen hawaasaa hirmaachuufi rakkoo hojii misoomaa irratti gufuu ta’aa turan fooyya’insa argamsiisuun eerameera.

Itti gaafatamaan Mana maree waloo paartiilee siyaasaa Oromiyaa Obbo Muusaa Fuuroon gamaa isaaniin, paartiilee siyaasaa oromoo karaa nagaa qabsa’oo gaggeessa jiran qabatamaa hojii mootummaan hojjetu utubuu keessaatti gahe qabu jedhu.

Pireezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan, mootummaan jijjiramaa erga gara aangootti dhufe hawaasaa hirmaachisuun hojiiwwan misoomaa qonnaa,fayyaafi barnootaa irratti xiyyeeffannoo kenne hojetaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaan jijjiiramni qabatamaan argamuu himaniiru..

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment