Pireezidaanti Shimallis Algee Saachiitti hojii buna qopheessuu daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2017 (FBC)-Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dhaabbata Kabiree Ilikee Aanaa Algee Saachiitti hojii buna qopheessuurratti bobba’e daawwataniiru.

Buna qulqullinaa fi baay’inaan oomishuun gabaaf dhiyeessuuf gaheen abbootii qabeenyaa buna oomishaniifi qopheessanii olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Godinichatti bara kana buna toonii kuma 200 gabaaf dhiyeessuuf karoora  qabame keessaa toonii kuma 96 gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu waajjirri Daldalaa Godinichaa ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment