Finfinnee, Bitootessa 17, 2017 ( FMC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Naannoo Sidaamaatti Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu eebbisiisan.
Manni barumsichaa deeggarsa Mootummaa Naannoo Oromiyaan Naannoo Sidaamaa Aanaa Shiibaadiinootti ijaarame.
Sagantaa kanarratti Pireezidaantii Pireezidaantii Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoo dabalatee hoggantoonni olaanoon naannolee lameenii argamaniiru.
Manni barumsaa kun Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 49 akka ijaarame; kutaalee barnootaa 18, Mana Kitaabaa, Kutaa Yaaliifi kutaalee tajaajila garaagaraa kennan kan of keessatti hammate ta’uun eerameera.
Ijaarsi mana barumsaa kanaa tattaaffii hariiroo uummattootaa naannolee lameenii kan cimsu akka ta’e ibsameera.