Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan hoggansi gaggeessummaa tarkaanfataa akka kennu hubachiisan

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2017 (FBC) –Gamaaggamni raawwii hojii Paartiifi Mootummaa kurmaana 1ffaa bara 2017 guyyoota sadiif gaggeeffamaa turre milkiin xumuramuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Hoggansi gaggeessummaa tarkaanfataa akka kennu Pireezidaanti Shimallis hubachiisaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Gamaaggama raawwii hojii Paartiifi Mootummaa kurmaana tokkoffaa bara 2017 guyyoota sadiif gaggeessaa turre milkiin goolabnee jirra. Gamaaggama kanaan dhugaa qabatamaa naannoo keenyaa, ciminootafi hanqinoota kurmaanicha keessatti muldhatan gadifageenyan kan illaalle yoota’u, toora xiyyeeffannoo kurmaanota fuulduree keenyas keenyerra.

Naannoon keenya akkuma guddaa ta’e, argama carraafi yaaddoo heddus kan ta’eedha; ummata baldhaafi humna hojjetu dila qaba; akkasumas hoggansaafi paartii yaadamaafi sagantaa ifa ta’e kan qabudha. Qabeenyaa jiruufi humna ummataa baldhaa qabnu kana, qixa barbaadameen abjuu, yaadamaafi karoora paartifi mootummaa keenyatiin masaknee socho’uu dandeenyan carraafi qabeenya qabatamaa, kana gochuu dhabnaan madda yaaddoo ta’uun dhugaa qabatamaa naannoo keenyaa akka ta’e hubatamee jira.

Qormaatilee hedduu kan muudatan ta’us, kurmaana darbetti hoggansi keenya faachii milkaa’inaa hedduu marfateera. Kanneen keessaa caasaa mootummaafi paartii hanga gandatti gadi diriirsuu, kurmaanicha boqqonnaa raawwii taasisuu, inisheetivootaf xiyyeeffannoo kennuufi to’annaa taasisuu, ummata qixaan dammaqsuu, hoggansa aanaafi gandaa sochoosuufi raawwilee galmoota kaa’amaniin madaaluu jalqabuu kan eeramanidha.

Gama birootin, gaggeesummaa qabsoon masakuu, madaallii raawwii guutumatti dilbii jiruun shallaguu, hoggansa humna sadarkaan jiruu , rakkoolee ija siyaasatiin hubachuu, beekumsafi gahee gaggeessummaa tarsiima’aa qixa barbaadameen bahuu irratti hanqinoonni akka jiran waliigallee jirra.

Akkaatuma kanaan, wabii nyaataa mirkaneeffachuu, omisha ummataa haalduree al-ergii guuttateen gahuu, meeshaafi tajaajila alaa galu bakka buusuu, ummata ogummaa hidhachiisuu, intarpiranaroota heddu umuu, qusannaa baldhinaan sassaabuufi ‘invest’ gochuu, hoggansa humneesuufi si’oomsuun baasuu, dhaloota ammayyaafi dorgomaa ta’e horachuu, mootummaa cimaafi of-danda’aa ta’e umuu, akkasumas sirna mootummaa ittifufiinsaan beekumsifi ogqalbiin (wisdom) maddisiisu danda’u bocuu, dhimmoota yeroo ittaanutti xiyyeeffannoo addaatiin irratti hojjetamuu qaban ta’uu adda baafnee jirra.

Hoggansi tarsiimaawaan dirqamaafi ittigaafatamummaa isaa kunneen qixaan raawwachiisuuf beekumsa, ogummaafi haala qabatamaa naannoofi addunyaa keessa jiraatuu hubachuu qaba.

Bu’uuruma kanaan hiree jiru utuu hinqisaasessiin egereen biyyaafi dhalootaawwani harka hoggansaa kanaa akka jiru sirnaan hubachuun gaggeessummaa tarkaanfataa akka kennuu asumaan yaadachiisuun barbaada.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment