Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan Godina Buunnoo Beddelleetti ijaarsa hidha Arjoo-Dhidheessaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2017 (FBC) – Pireezidantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ijaarsa hidha Arjoo-Dhidheessaa daawwaniiru.

Hidhi Arjoo-Dhidheessaa ijaarsi isaa sadarkaa xumuraa irraa kan jiru yoo ta’u Godinaalee Jimmaa, Buunnoo Beddelleefi Wallagga bahaa keessatti lafa hektaara kuma 80 tahu jallisiin misoomsuun alatti misooma qurxummiif kan ooludha.

Ijaarsichis ariitiin xumuramuun tajaajila akka kennuu eegaluu pireezidaanti Shimallis Abdiisaa kallattii kaa’aniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment