Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa Aanaa Meettaatti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Hagayya 12, 2016 (FBC)-Jilli Pireezidaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan durfamu Aanaa Meettaa Sulula Gooroo Biyyootti biqiltuu dhaabeera.

Godinichatti waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hojiiwwan hojjatama bu’a qabeessa ta’uu Pireezidaanti Shimallis eeraniiru.

Hawaasni godinichaa Hagayya 17 dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa irratti akka hirmaatuuf waamicha taasisaniiru.

Godiinichatti Hagayya 17 dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaatiinis biqiltuun miliyoonni 48 kan dhaabamu ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Geetaahun Nigaatuu himaniiruu.

Godina Harargee Bahaatti bara kana biqiltuun miiliyoona 324 kan dhaabaman ta’uu ibsameera.

Jilli kun Aanaa Meetaatti giddugala horsiisa loon aannanii sanyii fooyya’aas daawwateeraa.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Comments (0)
Add Comment