Pireezidaanti Shimallis Aanaa Kofaleetti beeyladoota mala namaan diqaaloman daawwatan

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC)- Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofaleettii beeyladoota mala namaan diqaaloman daawwataniiru.

Loon sanyii fooyya’oo oomishtummaan isaanii olaanaa ta’e mala namaan rimaa qabsiisuutti gargaaramuun bara darbe loon miiliyoona 1.6 rimaa qabsiisuun akka danda’ame eerameera.

Baranas, sanyii fooyya’oo miiliyoona 2.5 mala namaan diqaalomsuuf karoorfamee hojjetamaa jirachuun eerameera.

Hanga ammaattis loon kuma 267 fi 238 diqaalomfamuun ibsameera.

Hojiin mala namaan diqaalomsuun sanyii loonii fooyyessuurratti hojjetamaa jiru babal’isuun, bu’aawwan beeyladaa dabaluun fayyadamummaa uummata mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Pireezidaanti Shimallis ibsuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment