Pireezidaanti Sahilawarqi miidhaa kirkiraa lafaa Sooriyaa fi Turkitti ga’een gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Guraandhala 8, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen balaa kirkira lafaa Sooriyaa fi Turkiitti mudateen miidha ga’een gaddaa isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.

Balaa kirkiraa lafaa Sooriyaa fi Turkiitti mudateen hanga ammaatti lubbuun lammiileen kuma 35 ol darbuu ragaaleen ni mul’isu.

Ityoophiyaa fi Turkiin dameelee hedduun hariiroo yeroo dheeraa lakkoofsise akka qaban Pireezidaanti Saahilawarqi ibsaniiru.

Pireezidaantii Saahilawarqi Embaasii Turkiitti argamuun gaddaa isaanii ibsuu ragaan Waajjiraa Pireezidaantii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment