Finfinnee, Amajjii 4, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Ityoophiyaa Saahilwarqi Zaawudeen Ministira Dhimma Alaa fi Awurooppaa Faransaay Kaatiriin Kolonaa fi Ministira Dhimma Alaa Federaalaa Jarman Anaaleenaa Baayerbook waliin mari’ataniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Jarmaan Anaaleenaa Baayerbook fi Ministirri Dhimma Alaa fi Awurooppaa Faransaay Kaatiriin Kolonaa daawwannaa hojiif Finfinnee jiru.
Ministiroonni lameen marii Pireezidaanti Saahilawarqi waliin taasisaniin, biyyoonni lameen hariiroo yeroo dheeraa qaban caalmaatti akkataa cimsuu danda’anirratti mari’ataniiru.
Waligaltee Mootummaa fi ABUT gidduutti taasifame hordofee hojii deebisanii dandamachiisuurratti biyyoonni lameen deeggarsaa kan taasisan ta’uu ministiroonni biyyota lameenii ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
Deebisanii dandamachiisuu fi hojiileen deeggarsaa, dubartoota kan giddugaleeffatan ta’uu akka qaban eerameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.