Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen Xalayaa muudamaa Ambaasaaddaroota biyyoota 12 fuudhan

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen Itiyophiyaatti kan muudaman Xalayaa muudamaa Ambaasaaddaroota haaraa biyyoota 12 fuudhaniiru.

Pireezidaanti Saahilawarqi Ambaasaaddaroota kanneen waliin haalota Itiyoophiyaan hariiroo gamlameenii biyyoota waliin qabdu cimsuu dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan biyyoota waliin hariiroo qabdu cimsuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Ambaasaaddaroota haaraa muudamaniifis yeroo hojii gaarii akka ta’uuf Pireezidaanti Saahilawarqi hawwaniiru.

Ambaasaaddaroonni kunneenis hariiroo Itiyoophiyaa waliin qaban cimsuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment