Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen Xalayaa muudamaa Ambaasaaddaroota biyyoota 11 simataniiru.
Xalayaa muudamaa Ambaasaaddarootaa biyyoota Keeniyaa, Ikkuwaatoorila Giinii, Laayibeeriyaa, Seeraaliyoon, Maalaawii, Kuwaataar, Jaappaan, Azarbaajaan, Ispeen, Rippaabilikii Kooriyaa fi Armeeniyaa ta’uun ibsameera.
Pireezidaanti Saahilawarqi Ambaasaddaroota muudamaan waliin turtii taasisaniin Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin hariiroo gamlamee qabdu cimsuuf kutannoo qabaachuu ieeran.
Hariiroo hawaasa idil addunyaa waliin qabduus haala faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu fi itti fufsiisuun kan hojjettu ta’uu marii isaaniin kaasaniiru.
Ambaasaddaronni Itiyoophiyaatti muudaman kunneenis turtii qabaataniin mootummaan deeggarsa barbaachisaa akka taasisu Pireezidaanti Saahilawarqi mirkaneessuu ragaan Wajjira Pireezidaantiirra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.