Finfinnee, Mudde 27, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen Kubbaa Miilaan kennaa addaa kan qabu Daagimaawii Teediroos fi Abbaa Isaa Teediroos Baacaa waajjira isaanitti simachuun haasofsiisaniiru.
Daagimaawii Teediroos Baacaa daa’ima umrii waggaa 12 yoo ta’uu ijoollummaa isaa eegalee dandeettii kubbaa miilaa qabu haala nama ajaa’ibuun gabbifachaa dhufeera.
Abjuu taphataa Kubbaa Miilaa qabu dhugoomsachuuf Abbaa isaa Teediroos Baacaa waliin tattaaffii olaanaa taasiisaa jira.
Tapha Waancaa Addunyaa 21ffaa Raashiyaa fi 22ffaa Kuwaataariitti gaggeeffamerratti keessummaa kabajaa ta’uun Federeeshinii Waldaa Kubbaa Miilaa Idil Addunyaan affeerramuun kan yaadatamuudha.
Daagimaawii Teediroos yeroo 974 osoo adda hin kuin Kubbaa Miilaa qilleensarratti rukutuun dandeettii addaa qabaachuu isaa agarsiisuu danda’eera.
Pireezidaanti Saahilawarqi Daagimaawii jajjabeessuun muul’inni isaa akka milkaa’uuf akkaadaamii Kubbaa Miilaa akka seenuuf waan danda’an hundaan kan tumsaan ta’uu eeruuniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.