Pireezidaanti Saahilawarqi Koonfiraansii dubartootaa fi dargaggootaa eegalchiisan

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee koonfiraansii dubartootaa fi dargaggootarratti xiyyeeffachuun Taanzaaniyaatti gaggeeffamuu eegalerratti haasawaa taasisuun eegalchiisaniiru.

Koonfiraansichi Pireezidaantii Taanzaaniyaa Saamiyaa Suhuluu fi Barreessaa olaanaa Naannawaa Daldala Walabaa Afrikaa Waamkeelee Menen kan qophaa’eedha jedhameera.

Sagantichi pireezidaantotaa fi itti aantota pireezidaantii duraanii biyyoota Afrikaa fi kan ammaa itti gaafatamarra jiran kan hirmaachiseedha.

Sirna baniinsa waltajjichaarratti Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudee viidiyoo koonfiraansiin hirmaachuun ergaa dabarsaniiru.

Koonfiraansichi bara Faranjootaa kana Fulbaana 12-14 kan turuu fi “Dubartoonnii fi dargaggoonni sochoostotaa naannawaa daldala walabaa Afrikaati” mata duree jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Taanzaaniyaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment