Pireezidaanti Saahilawarqi jila Pireezidaantii Mana Maree Jibuutii waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 13, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen jila Pireezidaantii Mana Maree Jibuutii Dileeyitaa Mahaammad Dileeyitaan durfamu waliin mari’ataniiru.

Hariiroo dameewwan hedduu biyyoota lameeniirrattis mari’ataniiru.

Pireezidaanti Saahilawarqi Jibuutiitti Ambaasaaddar Itiyoophiyaa ta’uun waggoota 10’f tajaajiluun ni yaadatama.

Pireezidaantiin Mana Maree Jibuutii Dileyitaanis Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Jibuutii ta’uun tajaajilaanii turuun ibsamuu ragan Waajjira Pireezidaantii FDRI irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment