Pireezidaanti Saahilawarqi Ittaantuu Pireezidaantii Kolombiyaa waliin Goda Hambaa Biyyaalessaa daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee fi Ittaantuun Pireezidaantii Kolombiyaa Firaansiyaas Maarkuweez Goda Hambaa Biyyaalessaa daawwataniiru.

Jilli Ittaantuu Pireezidaantii Kolombiyaan durfamu qondaaltota mootummaa waliin kan mari’ate yoo ta’u, turtii isaaniin Goda Hambaa Biyyaalessaa dabaltee buufataalee tuuriizimii Finfinneetti argaman daawwataniiru.

Sagantaan daawwannichaa walta’iinsa Ministeera Tuuriizimii fi Ministeera Dhimmaa Alaan kan qophaa’e ta’uu ragaan Ministeeraa Tuuriizimiirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment