Pireezidaanti Saahilawarqi du’aan boqochuu Emiira Kuweetiin gaddaa isaanii ibsan

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen du’aan boqochuu Emiira Kuweet Nawaaf Al Ahimad Al Saabaahiin gadda isaanitti dhaga’ame ibsan.

Pireezidaanti Saahilawarqi du’aan boqochuu Emiira Kuweet ilaalchisuun Emiraa bakka bu’aan Sheek Mashaal Al Ahimad Al Sabaah, maatii mootichaa fi ummataa biyyattiif maqaa ummataa fi mootummaa Itiyoophiyaan gaddaa isaaniitti dhaga’ame ibsaniiru.

Hariiroon Itiyoophiyaa fi Kuweet bara mooticha Haayilasillaasee kan eegale ta’uu, gama Fandii Kuweetiinis guddina hawaas-diinagdee Itiyoophiyaaf gumaachi taasisan olaanaa ta’uu himaniiru.

Wayita waranaa Iraaqii fi Kuweetis, Itiyoophiyaan weeraramuu Kuweet ifatti mormuu yaadachiisaniiru.

Pireezidaanti Saahilawarqi Kuweetitti kan argamu Embaasii Itiyoophiyaa daawwachuu ragaan Waajiira Pireezidaantii Itiyoophiyaarraa argame ni mulisa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment