Pireezidaanti Saahilawarqi Barreessaa Olaanaa Liigii Musliimaa Idil Addunyaa Mahammad Biin Abdulkariim Al Iisaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 9, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zaawdeen Barreessaa Olaanaa Liigii Musliimaa Idil Addunyaa Mahammad Biin Abdulkariim Al Isaa waliin mari’ataniiru.

Haala Hariiroo Ityoophiyaan biyyoota Arabaa waliin qabdu cimsuun danda’amurrati mari’ataniiru.

Barreessaan Olaanaan Liigii Muslimoota kun guyya kaleesaa Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin waliin mari’achuun isaanii ni yadaatama.

Waldanda’uu amantaalee, nagaa mirkaneessuu fi dhimmoota waloo irratti tumsaan hojjechuu haala danda’amurratti marii gaggessuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaan seenaa ishee keessatti amantii Islaamaaf bakka olaanaa kan kennitu ta’uu kasaaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment