Pireezidaanti Saahilawarq Zawdeen Daayrektara Gamtaa Afrikaafi DhMG Ikonoomik Komishinii Afrikaa waliin mari’atan  

Finfinnee, Mudde 6, 2015(FBC)- Pireezidaanti Saahilawarq Zawdeen Daayrektara Gamtaa Afrikaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ikonoomik Komishinii Afrikaa  Maabeengee Nigoom waliin mari’atan.

Haala Ejensii Namoomaa Afrikaa hundeessuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.

Guddina sirna uummataa Afrikaa akkasumas waliingahiinsa tajaajila barnootaafi fayyaarratti mari’achuus eerameera.

Rakkoolee barnootarratti shamarran mudatan irrattis mari’achuu ragaan Waajjira Pireezidaantii FDRIrraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment