Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen Pireezidaantii Ejansii Farra Si’eessituu Addunyaa Wiitooldii Baankaa fi jila isaaniin durfamu waliin mari’ataniiru.
Ityoophiyaa fi Ejansichi farra si’eessituu to’achuu fi qorachuuf dhimmoota walitti dhiyeenyaan hojjechuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Ityoophiyaan Ispoortii Alteetiksiin seenaa bara dheeraa qabaachuu Pireezidaanti Saahilawarqi himaniiru.
Ityoophiyaan erga Atleet Abbabaa Biqilaa Maaraatoonii Room irratti injifannoo galmeessee eegalee waltajjii addunyaarratti beekkamaa dhufuu ibsaniiru.
Biyyattiin To’annoo farra si’eessituurratti taasiiftuuf tumsa teeknikaa dhaabbatichi taasiisuuf galateeffachuu ragaan Waajjira Pireezidaantirraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.