Finfinnee, Fulbaana 13, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen jila walitti qabaa Paarlaamaa Awurooppaa Deeviid Maakaaliisteriin durfamu waliin mari’ataniiru.
Pireezdaant Saahilawarq jilicha waajjira isaaniitti simachuun dubbisaniiru.
Haala waqtaawaa Ityoophiyaa fi marii nageenyaa dursummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamurratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru jedhame.
Jilichi Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa Roonaaldi Koobiiyaaniinis wal arguu ragaan Waajjira Pireezidaantiirraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.