Pireezidaanti Saahilawarq Ambaasaaddaroota tibba darbe muudaniif xaalayaa muudamaa laatan

Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen Ambaasaaddaroota tibba darbe muudaniif xaalayaa muudamaa laataniiru.

Namoota 14 Ambaasaaddara guutuu fi namoota 7 ammoo Ambaasaaddar taasiisanii muudaniif xaalayaa muudamaa laataniiru.

Pireezidaanti Saahilawarqi,biyya Alaatti Ityoophiyaa tajaajiluun carraa guddaa ta’uu ibsuun, muudamtoonni hojii amantaa fi hojjetanii amansiisurratti hundaa’een hojjechuu akka qaban ergaa dabarsuu EBCn gabaaseera.

Sirnicharratti Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin dabalatee hoggantoonni mootummaa biroon argamuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment