Pireezidaanti Saahilawarq agarsiisa Ityoophiyaan haa oomishtuu daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Agarsiisa Ityoophiyaan haa oomishtuu daawwataniiru.

Pireezidaanti Saahilawarq oolmaa guyyaa 5ffaa agarsiisichaa daawwataniiru.

Ga’een agarsiisichi qaawwa qindoomina oomishtootaa fi dhaabbilee dhiyeessitoota faayinaansii gidduu jiru furuu fi dhaabbileen misooma damichaa walitti dhiyeenyaan akka hojjetan dandeessisuu keessatti qabu olaanaa ta’uun ibsamee jira.

Agarsiifni Ityoophiyaan haa oomishtuu kun har’a ni xumuramaan eegama.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment