Pireezidaanti Putiin dureewwan Afrikaa yaa’ii Raashiyaa-Afrikaarratti akka hirmaatan afeeran

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin dureewwan biyyoota Afrikaa yaa’ii Raashiyaa-Afrikaa Seenti Peetisbargitti gaggeeffamurratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Yaa’iin Raashiyaa-Afrikaa “Yaa’ii baay’ee murteessaa” jechuun kan ibsan Putiin, yaa’ichaaf Raashiyaan qophii gahaa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Dureewwan biyyoota Afrikaa fi hoggantoonni dhaabbilee naannawichaa kan hirmaatan ta’uu fi kanattis akka gammadan ibsuu Sputnik gabaaseera.

Yaa’iin Raashiyaa-Afrikaa baatii Waxabajjii dhufuuMagaalaa Seenti Peetisbargitti gaggeeffama

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment