Pireezidaanti Putiin Afrikaa Kibbatti kan gaggeeffamu yaa’ii “BRICS” irratti hinhirmaatan jedhame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin, Hagayya dhufu Afrikaa Kibbatti kan gaggeeffamu yaa’ii “BRICS” irratti kan hinhirmaanne ta’uun ibsame.

Bakka Pireezidaantichaa Jilli Ministirri Dhimma Alaa Biyyattii Seergee Laavrooviin durfamu yaa’icharratti akka hirmaatu ‘Meeduuzaan’ gabaaseera.

Pireezidaantichi yaa’icharratti kan hinhirmaanne ta’uun, marii gamlameenii Afrika Kibbaa waliin taasifameen booda murteerraa ga’ameen ta’uun eerameera.

Afrikaan Kibbaa waliigaltee yakkamtoota dabarsanii kennuu Room kan raggaasifte ta’uun kan beekamuudha.

Kanaan walqabatee, Pireezidaanti Putiin Mana Murtii Yakkaamtoota Idil Addunyaan ajajni irratti kan ba’e ta’uun, yaa’ii Afrika Kibbaa kanarratti kan hirmaatan yoo ta’e, Afrikaan Kibbaa itti gaafatama seerummaa ishee bahachuun dirqama kan itti ta’uudha jedhameera.

Haaluma kanaan Pireezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaan Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin mari’achuun yaa’icharratti akka hinhirmaannee murteerraa ga’uun kan gabaafame.

“BRICS” kan hundeessan Biraaziil, Raashiyaa, Hindi, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa yoo ta’an yeroo ammaa biyyoonni tokko tokko garechaatti makamuuf fedhii argisiisuu fi iyyannoo dhiyeessaa jiraachuun eerameera.

Biyyoonni kunneen garecha kan hundeessanis diinagdee, daldalaa fi dhimmoota walfakkaatan biroorratti walta’iinsaan hojjechuuf kan hundaa’e ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment